Ka'umsa ‘Maartereezaa’ irraa hanga Birrii Tiriiliyoona 3.16tti:- Imala seenaa qabeessaa fi guddina dinqisiisaa Baankii Daldala Itoophiyaa
******************************************
Weerara Faashistii Itaaliitiin booda Hagayya 1934 miira gootummaa fi jaalala biyyaatiin kan hundeeffame Baankiin Daldala Itoophiyaa, har'a utubaa dinagdee biyyaa ta'eera.
Baankichi hojii yeroo jalqabu biyyattiin maallaqa daldalaa mataa ishee hin qabdu turte.
Daldalli maallaqa alaa 'Martrezaa' jedhamuun raawwatamaa kan ture yeroo calqabaa sana, baankichi kaapitaala ka'umsaa ‘Maartereezaa’ miiliyoona tokkoo, dame lamaa fi hojjettoota 43 qofaan hojii jalqabe.
Yeroo sana baankii daldalaa qofa otoo hin taane, hanga Baankiin Biyyaaleessaa hundaahutti madaala dinagdee gooroo hogganuu fi maallaqa maxxansuu irratti itti gaafatamummaa seenaa qabeessa biyyaaleessaa gahumsaan bahateera.
https://web.facebook.com/etvafaanoromoo/posts/pfbid02Fz449jXqCXzMzWML2R4SXuoH2Qwwdm8KThvTGTHBxvhMk7cZ4iVoFukxhxunGypil