Humna Galaana Itoophiyaa:- Kan Shiraan Bittinnaahee fi Kabajaan Deebi’ee Gurmaahe
*********************************
Itoophiyaan Garba Diimaa (Red Sea) fi Gaanfa Afrikaa keessatti bakka tarsiimowaarra jiraattullee, seenaa keessatti Humna Galaanaa ishee dhabuu fi argachuun deddeebi'a tura.
Seenaan kun bara Mootummaa Aksumii jalqabee kan turedha; bara sana Mootiin Kaaleeb jaarraa 6ffaa keessa Dooniiwwan Waraanaa 70 ol qopheessuudhaan Humna Galaanaa guddaa agarsiisanii turan.
Bara 1950tti Eertiraan Itoophiyaa waliin yoo walitti makamtu, Atsee Hayila Sillaaseen bara 1947 Humna Galaanaa Itoophiyaa hundeessan.
Dhaabbanni kun Kolleejjii Humna Galaanaa Asmaraa fi masaraa Masawwaatti ijaaramuun Afrikaa keessatti beekamtii argatee ture.
Bara Dergii keessa humna teeknooloojii fi meeshaalee waraanaa Sooviyetii cimsatee turus, dhuma irratti waraana biyya keessaatiin miidhame.
Bara 1983 mootummaan Dargii kufuu hordofee Eertiraa Itoophiyaa irraa adda bahuu mirkaneeffachuu isheetiin, Itoophiyaan Hulaa Galaanaa dhabde.
Dooniiwwan waraanaa Itoophiyaa garba irra turan; dooniin seenaa qabeettiin "Itoophiyaa (A-01)" sibiila qofaaf gurguramtee, meeshaaleen hafanis bara 1988tti Jibuutiitti gurguramanii humnichis guutummaatti diigame.
Diigamuu isaarraa waggaa 30 booda, yaada haaromsaa Ministira Muummee Abiyyi Ahimadiin humnichis haaromsaan ijaaramee jira.
Vaayis Admiiraal Kinduu Gazzuun kan durfamu humni haaraan kun, Finfinnee fi Baahir Daaritti bu’uureffachuudhaan Bishoofatuu fi Yuunivarsiitii Baahir Daaritti Akkaadaamii ‘Maariitaayimii’ humna namaa gahumsa qabu leenjisaa jira.
Humni Galaanaa Itoophiyaa dinagdee dhibbeentaa 95 Hulaa Galaanaatti deddeebi'u eeguu fi qabeenya bishaanii biyya keessaa, keessattuu Hidha Haaromsaa Guddaa Itoophiyaa fi Haroo Xaanaa eeguu irratti hojjechaa jira.
Humni Galaanaa shiraan diigamee ture har'a kabajaan deebi'ee mirga fi faayidaa biyyaalessaa eeguuf bu'uura cimaa kaahee jira.
https://web.facebook.com/hashtag/ethiopia?__cft__[0]=AZY7S_jB70R9qBH8v9ao88pD2U384z9EAVMh9u5ID4utN4k-c4Zf-ktircrafBTwNpN6xbuF6pm_7E30sFqUDzXrSlIeqlngG7PVCUiHKYMU-8dw3W9AYwKGbmOzzTzBi4gllDyhaT-VTClCUjaQq0R5kn5cjW3UBtLDdRdqlG9DGuevG0QQC2sp8izmoaLqKaI&__tn__=*NK-R https://web.facebook.com/hashtag/ebc?__cft__[0]=AZY7S_jB70R9qBH8v9ao88pD2U384z9EAVMh9u5ID4utN4k-c4Zf-ktircrafBTwNpN6xbuF6pm_7E30sFqUDzXrSlIeqlngG7PVCUiHKYMU-8dw3W9AYwKGbmOzzTzBi4gllDyhaT-VTClCUjaQq0R5kn5cjW3UBtLDdRdqlG9DGuevG0QQC2sp8izmoaLqKaI&__tn__=*NK-R https://web.facebook.com/hashtag/navy?__cft__[0]=AZY7S_jB70R9qBH8v9ao88pD2U384z9EAVMh9u5ID4utN4k-c4Zf-ktircrafBTwNpN6xbuF6pm_7E30sFqUDzXrSlIeqlngG7PVCUiHKYMU-8dw3W9AYwKGbmOzzTzBi4gllDyhaT-VTClCUjaQq0R5kn5cjW3UBtLDdRdqlG9DGuevG0QQC2sp8izmoaLqKaI&__tn__=*NK-R https://web.facebook.com/hashtag/navypower?__cft__[0]=AZY7S_jB70R9qBH8v9ao88pD2U384z9EAVMh9u5ID4utN4k-c4Zf-ktircrafBTwNpN6xbuF6pm_7E30sFqUDzXrSlIeqlngG7PVCUiHKYMU-8dw3W9AYwKGbmOzzTzBi4gllDyhaT-VTClCUjaQq0R5kn5cjW3UBtLDdRdqlG9DGuevG0QQC2sp8izmoaLqKaI&__tn__=*NK-R